Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Abiy Ahmed gammoojjii Daangaa Keeniyaa irraa diraamaa WBO loluu yeroo hojjetu kanatti, gootonni ilmaan Oromoo funyaa isaa jala, Sulultaatti tarkaanfii boonsaa fudhataniiru

Abiy Ahmed gammoojjii Daangaa Keeniyaa irraa diraamaa WBO loluu yeroo hojjetu kanatti, gootonni ilmaan Oromoo funyaa isaa jala, Sulultaatti tarkaanfii boonsaa fudhataniiru. Tarkaanfii kaleessa WBO Zoonii Giddu Galeessaan fudhatameen, hogganni paartii Bilxiginnaa fi bulchaan aanaa Sulultaa kan gaggeefame yoo ta´u, itti gaafatamaan Bulchiinsaafi Nageenyaa, wahilloonnii hojii isaanii fi loltoonni sirnichaa isaan waliin turan waliin to´annoo jala oolfamaniiru.

Gama biraan Qabsoo Bilisummaa Oromootti laaqii dibuu hojii kan godhate sirnichi, shiftoota Shanee isaa bobbaasee ummata miidhuu itti fufeera. Shaneen dhiyeenya kaampii irraa gargaarsa xinsammuu fi dinagdee tokko malee hir`ifamanis, hojii durii isaaniitti deebi´uun ummata dararaa jiru.

WBOn hundee aangoo Abiy Ahmed tokko tokkoon jigsuu itti fufa!
#Oromia #Ethiopia

https://twitter.com/OLF_OLA/status/1889994168874725839?t=dUUU52j_5gbqWAfnYw-W9A&s=19

Exit mobile version