Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Iraan gaazexeessitoota du’a shamarree jeequmsa kaase gabaasaniif dhiifama goote 

ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025 

Abbaan taayitaa abbaa seerummaa olaanaa Iraan gaazexeessitoota lama kan du’a shamarree poolisiin bara 2022 mormii guutuu biyyattiitti ka’e saaqe gabaasan  manni murtii Miizan Kibxata kaleessa dhiifama gochuufii ibseera.

Niloofar Hamedi fi Elahee Mohaammadi Onkoloolessa bara 2023tti mana murtii warraaqsaa Iraaniin hidhaan waggaa 13 fi 12 itti murtaa’ee ture. Kunis du’a Mayisa Amiinii, shamarree warra Kurd-Iraan taate ijaaba uffachuu diduun safuu cabsite jedhamtee to’annoo jala oolte gabaasanii turan hordofeeti.

“Hogganaan olaanaa Ayatolaa Ali Kaamenii tarree dhiifama mataa abbaa seerummaatiin qophaa’e hordofuun, namoonni dhuunfaa kun dhiifama kan argatan ta’uun kan ibsame yoo ta’u, dhiifamni kun waggaa 46ffaa Warraaqsa Islaamaa bara 1979tti geggeeffame hordofeeti. .

Bara darbe gaazexeessitoonni lamaan yeroodhaaf hidhaa ji’oota 17 booda kan gadhiifaman yoo ta’u, boodarra ammoo mana murtii ol’iyyannoo keessatti himannaa “US waliin tumsu” jedhu irraa bilisa ta’aniiru.

Mormiin du’a Aminiin hordofee erga bara Warraaqsa irraa eegalee Iraan keessatti jeequmsa hamaa uume. Aangawoonni Iraan hiriira kana kan jajjabeessan Ameerikaadha jechuun yoo hhimatan, Waashingitan gama isheen garuu ni haalti jechuun  Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version