Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee Aanaa Qumbiitti murni Bilxiginnaa qabeenya hawaasaa saamuu cimsee itti fufee jira

ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025 

Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dararaa hangana hin jedhamne raawwachaa kan jiran, afaaniin akka waan hawaasa fayyadaniitti holola oofuun erga gara hooggansaatti dhufanii as immoo waan ilmaan namaa irratti ta’ee hin beekne saamichaa hanga ajjeechaatti raawwachaa jiru. 

Aanaa Qumbii araddoota hunda irraa lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaa da’oo godhachuun waanuma fedhan saamaa kan turan, yeroo ammaa kana immoo maqaa “gurmaa’ina inesheetiivii kannisaa” jedhuun gaagura hawaasni qabu fedhii hawaasaa malee dirqiin walitti qabaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan. 

Hawaasni gaagura kana dhuunfaa isaatti yoo dhowwate ykn gaagura dhabe “ni hidhamtaa fi siyaasa waliin wal qabsiisuun hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun doorsisanii harkaa saamaa jiraachuu dubbatu. 

Aanicha guutummaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa gosa kaffaltii adda addaan hawasa dararaa kan turan yoo ta’u, saamicha yeroo yeroon irratti raawwatamuuf hawaasni yaaddoo fi sodaa guddaa keessa jiraachuu itti dabaluun ibsanii jiru.

Exit mobile version