Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa mana Sibuu keessatti hidhattoonni Abiy Ahimed hawasaa nagaa irratti dhukaasa bananiin namoota afur battalatti ajjeesuun dhaga’ame

ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu Bulchiinsa Magaalaa Waankii keessatti hidhattoonni Abiy Ahimed kanneen namuusa waraanummaa tokkollee hin qabne maatii tokko keessa namoota 3 ajjeesuun, oollaa maatii kanaa kan taate daa’ima tokkos itti dabaluun ajjeesaniiru.

Ajjeechaan kun kaleessa galgala  Guraandhala 12, 2025  toora sa’a 12:00 irratti dhukaasa namoota nagaa irratti tiksitootni barcuma Abiy Ahimed macha’anii raawwataniin ta’uun barameera.

Namootni ajjeefaman kunneen obboleeyyan lamaan:

  1. Asteer Abarraa daa’ima waggaa 12,
  2. Seenaa’ol Abarraa daa’ima waggaa  8, 
  3. haadha isaanii Aadde Eebbisee Barkii fi 
  4. ollaa isaanii kan taate ammoo daa’ima waggaa 5 Ogeettii Bal’inaa 

ta’uu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Bara bulchiinsa murna Bilxiginnaatti impaayerattii keessatti ijoollee xobbee irraa kaasee hanga jaarsa gadamoojjiitti ajjeesuu malee guyyaa tokko illee nagaa yaadeefii hin beeku. 

Ilmaan Oromoo ajjeefaman kan haadhaa fi daa’imman of keessaa qabu kun sirni awwaalcha isaanii miira gaddaa ulfaataan guyyaa har’aa raawwatee jira.

Gocha suukkanneessaa kanaan maatii keessaa abbaa qofti akka hafee fi jiraattotni magaalaa Waankii baqachaa jiraachuu jiraataan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko dubbateera.

Sirni faashistii koloneel Abiy Ahimediin durfamu waraana sirna dhablummaa qofa hojii isaa godhatee badiif socho’u qawwee hidhachiisuun uummata Oromoo keessa bobbaasee lubbuu dhalattoota Oromoo guyyaa irraa gara guyyaatti obbaasaa oola.

Aanichuma gantoota adda addaa keessatti yakkootni waraanni Bilxiginnaa raawwachaa jiru daran kan jabaate yoo ta’u, ollaadhuma aanichaa keessatti Wiixata darbe daa’ima waggaa 10 irratti gudeeddii raawwachuun kan yaadatamuudha.

Exit mobile version