Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Jijjiirama gatii wantoota fayyadama hawaasaa ta’an irratti uumameen hawaasni magaalaa Buraayyuu fi Finfinnee rakkachaa jiraachuun himame

ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025 

Murni Bilxiginnaa daldala mootummaa hedduu dhuunfaatti dabarsuu fi gara dinagdee gabaatti ce’uuf hojii eegaleen nagaa fi jijjiirama osoo hin taane balaa fi gubannaa mana tokkoon tokkoon hawaasaatti galchee jira.

Dameen baankii, telekoomii fi geejjibaa dinagdee dhaabbilee mootummaatiin ol’aantummaa qabu gara dhuunfaatti deebi’a, akkasumas humni jijjiirraa  doolaaraa gabaan murta’a jechuun dhuma ji’a Adoolessaa 2024’tti hojiirra oolchee qaala’iinsa jireenyaan hawaasni iyyaa jira.

Haala kanaan rakkachaa jirra jechuun jiraattotni bulchiinsa magaalaa Buraayyuu fi Finfinnee yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodaniiru.

Akka jiraattotni magaalota kana lameenii jedhanitti gatiin wantoota fayyadama hawaasaa dabaluu irraan kan ka’e, gabaa ykn dukkaana ba’anii wantootni bitanii gara manaatti galan xiqqaa ta’uu himu.

Akka fakkeenyaatti guyyaa kaleessaa zayitiin abbaan Liitira 5 magaalaa Buraayyuu bakka Dirree jedhamutti qarshii 1630, misirri keessaa qarshii 230 kan biyya alaa qarshii 280 ta’ee jira kan jettu jiraattuun tokko, magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Guullallee aanaa 10 naannoo Shogoleetti ammoo zayitiin Liitiriin 1 qarshii 1500 hanga 1600’tti dukkaana irraa gurguramaa jiraachuu namni biraan achi irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Finfinnee fi magaalaa Shaggar Siitii keessatti qullubbii diimaa dabalatee, atara, xaafii fi wantootni jireenya namaaf gama nyaataan barbaachisan hundi gatiin isaanii dabaluu irraan kan ka’e hawaasni rakkoo jabaa keessa galee jiraachuun barameera.

Exit mobile version