Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhohinsaa fi dhukaasa qawwee hedduu hiriira deggersa M23 Baha Dr Koongoo irratti raawwate namoota hedduu ajjeese

ONM-ABO Guraandhala 28, 2025 

Dhohinsi garee finciltootaa M23 fi deggartoota isaaniif hiriira ba’ame irratti magaalaa Bukavu Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessatti raawwate namoota 11 ajjeesee 65 kanneen biroo madeesse.

Hoogganaan gamtaa finciltootaa M23, kan ofii isaatii hiriira kana irratti argame, Korneyille Nangaa, haleellaa Kamisa kaleessaa booda ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin lakkoofsa namoota du’anii mirkaneessaniiru.

Bukavuun magaalota ijoo naannoo jeequmsaa torbanneen darban keessa loltoota farra mootummaa M23n qabame keessaa tokko yoo taatu, ogeeyyiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gareen kun Ruwaandaatiin deggaramaniiru jedhan.

Loltoonni M23 Rippaabilika Diimookiraatawaa Koongoo Bahaa keessaa magaalota ijoo qabatanii gara namoota 7,000 ajjeesaniiru. 

Guddinni kun waggoota kurnan oliif waldhabdee yeroo dheeraa DRC Bahaa keessatti uumame keessatti hammaataa ta’uu isaa ibsameera. 

Ruwaandaan doorsisa milishaa Huutuu irraa dhufu irraa of ittisaa jirra jedheera. Kunis sababa milishootni Huutuu waraana Koongoo waliin lolaa jira jedhuun akka ta’e Aljazeraan gabaaseera.

Exit mobile version