• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaalee Daannoo fi Iluu Galaan keessatti Lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun dhaga’ame

Mar 1, 2025

ONM-ABO Guraandhala 28, 2025 

Gurraandhala 24, 2025 aanaa Daannoo Bulchiinsa magaalaa Daannoo keessaa nama maqaan isaa Gulummaa Tashoomee jedhamuu fi kanneen biroo hedduu maqaan isaanii adda hin baane ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun, guyyaadhuma kana godinichuma aanaa Iluu Galaan ganda Abakuu Aannoo irraas jiraattota hedduu mana isaaniitii ukkaamsuun gara adda waraanaatti geessuuf jecha mana hidhaatti guuraa kan turan yoo ta’u, namoota kanneen keessaas kan maqaan nu ga’e dargaggoo Guutuu Farajaa jedhamu ta’uun barameera.

Murni Bilxiginnaa akka waan baay’inni waraanaa kufaatii irraa isa oolchuutti yaaduun golee Oromiyaa mara keessaa ilmaan Oromoo xiqqaa fi guddaa, fayyaa fi dhukkubsataa osoo hin jenne humnaan ukkaaamsuun dirree leenjiitti guuraa jiraachuun guyyuu gabaafamaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading