Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun qonnaan bultoota 17 ol qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisan

ONM-ABO Bitootessa 2, 2025 

Murni Bilxiginnaa ergamtootaa fi jaleewwan isaanii gubbaa hanga gadiitti of jala hiriirsuun sobanii afaaniin waa’ee nagaa lallabaa ifatti immoo diinummaa fi amala abbaa irrummaa isaanii ilmaan Oromoo hunda irratti agarsiisuun maqaa adda addaa itti maxxansuun qonnaan bultoota qe’ee fi qabeenya irraa buqqisaa jiru. 

Aanaa Shaallaa ganda Shawakkoo Arsii jedhamutti badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhanii hawaasa qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun ibsameera.

Lukkeeleen faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf fiiganii fi waa’een Oromummaa keessa isaanii hin jirre qonnaan bultoota maqaan isaani:

  1. Dannaboo Kurkuraa,
  2. Dammaa Aayiqoo, 
  3. Wayyeessaa Adulee,
  4. Badhaasoo Duubee,
  5. Nageessoo Tum’aa jedhamanii fi 

qonnaan bultoota baay’inaan 17 ta’an badii tokko malee qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuu isaanii jiraattonni gandichaa ifoomsanii jiru.

Exit mobile version