Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti loltoonni Bilxiginnaa walii isaaniitiin walitti dhukaasanii wal ajjeesuun himame

ONM-ABO Bitootessa 5, 2025 

Waldhabdee keessoo isaaniitti yeroo hunda uumamu gadi qabanii furuu kan hin dandeenyee fi bakkeetti wal saaxiluun maqaa wal xureessaa kan oolan loltoonni Bilxiginnaa, nagaa waliif dhabuun yakkoota tilmaama hin qabneen walii isaaniin wal yakkanii tarkaanfii laalessaa wal irratti fudhataa oolu.

Aanaa Cawwaaqaa Buufata 5’ffaa bakka addaa Kellaa jedhamutti loltoonni Abiy Ahimed rakkoo gidduu isaaniitti dhalateen wal lolaa kan turan Bitootessa 3, 2025 milishaan Bilxiginnaa tokko milishaa akka isaatii rasaasaan rukutee ajjeesuu maddeen itti dhiheenyaan hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Milishaan Bilxiginnaa walii isaaniin wal ajjeesuu hordofee, miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko immoo milishaa ajjeechaa raawwate sana battalatti dhaqee kan ajjeese ta’uun ibsameera. 

Loltoonni sirnichaa guyyaa guyyaan wal dhabanii akka sareetti wal nyaachuun dhukaasa wal irratti hoggaa banan yaadda’uun uummanni rakkoo hamaa keessa kan jiruu fi akkuma impaayerattiitti loltoonni sirnichaa wal dhabdee hamaan gidduu isaaniitti dhalachaa kan bulu ta’uun dabalataan ifoomee jira.

Exit mobile version