Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Hawwii Guddinaatti Kaabinoonni Bilxiginnaa ogeessa mana ijaaru irratti saamicha raawwachuun qarshii qooddannaa irratti wal dhaban

ONM-ABO Bitootessa 5, 2025 

Kaabinoonni Bilxiginnaa faayidaan dhuunfaa isaanii akka itti hin bu’amnee fi bashannanaan jiraachuuf bakkuma hojii idilee hojjetanii haala mijeeffachuun saamicha ulfaataa raawwatan qarshii qooddannaa irratti yeroo wal dhaban ni mul’ata.

Aanaa Hawwii Guddinaa magaalaa Rimeetii jedhamutti kaabinoonni Bilxiginnaa waajjirri nageenyaa akka ijaaramuuf ogeessa mana ijaaru barbaadanii akka hojii eegaluuf erga waan jiru hunda itti kennanii booda, qarshii 200,000 irraa fudhachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kaabinoonni hanna kana raawwatan, hoogganaa waajjira nageenyaa aanichaa kan ta’e nama Jamaal Xahaa jedhamuu fi hoogganaa waajjira misooma maallaqaa fi Dinagdee aanichaa kan ta’e nama maqaan isaa Ayyaanaa Jiraataa jedhamu torban darbe keessa ogeessa mana ijaaru sanaan “qarshii 200,000 nuuf laattu malee itti hin mallatteessinu” jechuun hoggaa didan, ogeessa sana irraa qarshii 200,000 nyaatanii itti mallatteessuun himamee jira.

Kana malees ergamtootni aanichatti sadarkaa hooggansaa irra jiran immoo qarshii nyaatame kana dhaga’uun, “qarshiin nuuf kennamuu qaba” jechuun hoggaa jeequmsa kaasanii lola eegalan, ogeessi ijaarsa waajjira sanaa fudhate,” qarshiin na hin ga’u” jechuun hojii jalqabe dhiisee deemuu isaa jiraattonni itti dhiheenyaan beekan ONM’f eeranii jiru.

Exit mobile version