ONM-ABO Bitootessa 6, 2025
Lukkeeleen Bilxiginnaa shakkii wal irraa qabanii fi rakkoo yeroo adda addaatti keessoo isaaniitti uumamu mariin furuu dadhabuun walitti garagalanii gochoota gara jabinaa humnaa olii waliima isaaniin wal irratti raawwachaa jiru.
Aanaa Limmuu magaalaa Galiilaa irraa jaleewwan Bilxiginnaa maqaa adda addaa walitti baasuun wal dararaa kan jiran yoo ta’u, torban darbe keessa milishonni Bilxiginnaa maqaan isaanii Badhaasaa Hundee fi Darajjee Alamuu jedhaman lukkeelee akka isaaniin hidhaatti darbatamanii hiraarfamaa kan jiran ta’uu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.
Gara jabeeyyiin waliima isaaniif illee nagaa hin qabne milishaa Badhaasaa jedhamu “akka inni nama hin argannetti rasaasa ol qabdee dhukaasta” jechuun yoo hidhan, milishaa Darajjee jedhamu immoo “hojii idilee kee dhiistee maatii kee galtee dubbisaa jirta” jechuun kan hidhan ta’uu icciitiin keessoo isaaniitii ba’e ni mul’isa.
Akkuma aanichaatti murni Bilxiginnaa amala fafummaa agarsiisaa oolanii fi wal amantaa wal irraa dhabuun yeroo yerootti walii isaaniin wal hidhanii dararaa hamaa wal irraan gahaa kan jiran ta’uun itti dabaluun ibsameera.

