Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbay Coomman irraa lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisan

ONM-ABO Bitootessa 9, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbay Coomman ganda Hoomaa Kulkulaa bakka addaa Boondee jedhamu irraa Bitootessa 3, 2025 lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa Oromoo dararuun garaa ciibsatan namoota maqaan isaanii; Ibsaa Iddoosaa fi Baaqqaanaa Iddoosaa jedhaman mana jireenyaa isaanii keessaa ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Akka jiraattonni gandichaa eeranitti, ganduma sana bakka addaa Mandara 26 jedhamu irraa waraanni sirna bututtuu impaayerattii utubuuf ifaajan nama maqaan isaa Gaaromaa Afataa jedhamus badii tokko malee ukkaamsuun bakka buutee isaa dhabamsiisuu isaanii dubbatu.

Namoonni kunneen hundi yakka faana isaanii dhabamsiisu kan hin dalagnee fi maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhu qofa hojii isaanii malee itti maxxansuun yakkanii hanga gabaasni kun qindaa’etti bakki isaan jiran kan hin beekamne ta’uu fi akkuma aanichaatti dararaa lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti raawwatan jabaatee jiraachuun himamee jira.

Exit mobile version