Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti ergamtoonni Bilxiginnaa “booda isiniif kaffalla” jechuun ruuzii qonnaan bultootaa fe’atanii deemuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 10, 2025 

Aanaa Beddelleetti maqaa adda addaan nagahee tokko malee hawaasa saamuu hojii idilee kan taasifatan ergamtootni Bilxiginnaa, ganda Qoolloo Sirrii bakka addaa Nageellee jedhamu irraa Bitootessa 7, 2025 ruuzii qonnaan bultoonni oomishan osoo qarshii tokko illee hin kaffalliniif konkolaataatti fe’atanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru. 

Jaleewwan dinagdee hawaasaa quucarsuun bu’aa dhuunfaa isaanii irra oolfatan kunneen, duraan yeroo ruuzni facaafamu sanyii adii Baakkoo jedhamee waamamu qarshii 9,000’n gatii olkaasanii itti gurguruun, hoggaa oomishni tolee callaan lafa guutu, “nu malee nama biraatti hin gurgurtan” jechuun qonnaan bultoota hedduu irraa ruuzii ardaba 270 ta’u konkolaataatti fe’atanii deemuun ibsameera.

Hojjettoonni misooma qonnaa bakkicha jiran, qaamolee Bilxiginnaa kanneen biroo waliin ta’uun hojii daldaltootaa keessa galanii abbaa irrummaa qaban ifatti mul’isaa kan jiran yoo ta’u, hawaasni gandichaa callaa ruuzii dafqa dhiigaan oomishate dirqamaan akka saamamu ta’aa jira.

Nama tokko irraa giddu galeessaan ardaba 20-40 kan fe’atan yoo ta’u, ruuzii ardaba 270 garee tokko qofa keessaa fe’ameef qarshiin tokkollee qonnaan bultoota kanneeniif kan hin kennamnee fi “booda karaa mobile bank siniif kaffalla” jechuun saamicha bifa haarawaa ta’een eegaluun harka duwwaatti hambisanii deemuu gabaasni ONM dhaqqabe ni ifoomsa.

Exit mobile version