Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gudayyaa Biilaatti saamichi ergamtoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 11, 2025 

Aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Abbayyii Daallee iddoo addaa Daallee jedhamu irraa Bitootessa 8, 2025 loltoonni Abiy Ahimed maqaa “hidhata Waraanaa Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun Lammaa Goshuu nama jedhamu jalaa qotiyyoo 2 ooffatanii deemuu jiraataan gandichaa dubbisne tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Kana malees, guyyaadhuma kana gandicha keessaa namoota hedduu jalaa ammoo bilbiloota harkaa guuranii deemuun dabalataan ibsameera.

Murni impaayera Itiyoophiyaa of harkaa qabu koloneel Abiy Ahimed biyyoota alaa irraa kadhatee oggaa liqii dhabu, ergamtoota isaa goleewwan Oromiyaa baadiyyaa fi magaalaa cufatti bobbaasuun uummata Oromoo irratti saamicha daangaa darbe raawwachaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Exit mobile version