Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar Aanaalee adda addaatti bosonni uumamaa waraana garboomfataa PP’n gubachuun cimee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 10, 2025 

Godina Kaaba Shaggar aanalee hedduu keessatti murni garboomfataan PP bosona uumamaa gubee mancaasuu itti fufuun, uummata naannichaa yaaddoo fi rifannaa guddaa keessa galchee jira.

Keessattuu aanaa Dagam ganda Leemman iddoo addaa Qarree Bakkarraa jedhamu keessatti binensota hedduu waliin gubatee kan manca’e bosonni naannichaa Bitootessa 2, 2025 lafa barii jala helikoopteraan gubbaa bosona kanaa waraanni faashistii PP naanna’aa turuu jiraattonni naannichaa ijaan argan ONM’tti himanii jiru.

Dabalataanis gara fuulduraatti gara sulula Laga Mogoritti darbanii bosonuma jiru hinda gubuuf sagantaa qabatanii jiraachuu maddeen himan.

Naannichatti maqaa WBO’tu keessa galaan biqilaa bargamoo mursiisaa kan ture yoo ta’u, lafa ibidda bosonatti qabsiisan kanatti uummatni akka irraa hin dhaamsine ittifamuun barameera.

Gareen ganna ganna bosonan dhaaba jechuun lakkoofsa sobaa biliyoonaan himatu, biqilaa dhaabame ‘situation  room’ teenyee to’anna jechuun hololu erga barri faranjootaa haaraan 2025 itti galee as bosona Boosat, Liiban Cuqqaalaa, Gaalamaa, Gaara Dindiin, Jibaat, Horroo Guduruu, Anfilloo, Gujii fi Booranatti gubanii mancaasuun ni beekama.

Exit mobile version