Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti loltoonni Abiy Ahimed jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Bitootessa 13, 2025 

Aanaa Daarimuu ganda Meexxii Guddaa jedhamu irraa Bitootessa 10, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Keerii Dingataa jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo “milishummaa leenji’uu didde” jechuun sababa tokko malee hidhuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti akkuma fedhan bobba’uun ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa ulfaataa ta’e raawwachaa kan oolan ta’uun ni beekama.

Exit mobile version