Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Baateetti bulchaan Aanichaa hidhamuun dhaga’ame 

ONM-ABO Bitootessa 14, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baateetti bulchaan bulchiinsa aanichaa kan maqaan isaa Se’id (Sayyoo Adam) jedhamu Bitootessa 12, 2025 humnoota waraanaa,  raayyaa ittisa impaayerattiin ukkaamfamee reebichi jabaan irratti raawwatamee hidhamuun ibsame.

Sababni hidhamuu bulchaa kanaas wal dhabdee keessoo isaaniitti dhimmoota akka dantaa fi itti fayyadama aangoon wal qabatuun wal hinaaffuu akkasumas xiiqiin wal ijaaramuun uumame akka ta’e odeessi keessoo isaaniitii ba’e ni addeessa. Hidhaa kanas sababa akka qabeenya mootummaa balleessaa jirtaa, loogii fi hidhata diinaa qabda jedhuun yakkanii hidhuun barameera.

Caasaaleen Bilxiginnaa akkuma guutuu Oromiyaatti muddama hamaa keessa seenuun walii isaanii shakkuu fi yakkuun tarkaanfii cimaa hanga ajjeechaatti wal irratti fudhachaa jiraachuunis bakkeewwan addaa addaa irraa dhaga’amaa jira.

Exit mobile version