Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsiitti ajjeechaan dargaggoota lama irratti raawwachuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 16, 2025 

Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii ganda Shophaa Bultum jedhamutti waraanni maaafiyaan PP Bitooteessa 14, 2025 dargaggoota lama gaaffii seeraa tokko malee qe’ee fi maatii isaanii biraa ukkaamsuun gara jabummaan ajjeesanii gatuun barame.

Dargaggoonni kunneenis maqaan isaanii; Guutaa Tubuluu fi Abarraa Arsoo Buloo kanneen jedhaman ta’uu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti dargaggoonni kunneen badii tokkollee kan hin qabne, tuttuqaa siyaasaa irraa walabaa fi kanneen hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun jireenya isaanii geggeeffatan ta’uus namoonni haalaa fi hojiilee dargaggoota kanneenii beekan addeessaniiru.

Impaayera Itiyoophiyaa qarree kufaatii irra marmaaraa jirtu utubuuf kan ifaajan jaleewwan Bilxiginnaa garaa isaanii guuttachuuf fedhii hooggantoota isaanii guutuuf gochaawwan dabaa raawwachaa oolu.

Exit mobile version