Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godinaalee Oromiyaa bakkeewwan addaa addaa irraa loltoonni impaayera Itiyoopiyaa jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu itti fufan

ONM-ABO Bitootessa 24, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Daannoo ganda Dirree Daannoo jedhamu keessaa  loltoonni impaayera Itiyoophiyaa Bitootessa 19, 2025 namoota 200 ol leenjii waraanaaf ukkaamsanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota ukkaamfaman keessaa kan maqaan nu ga’e:

  1. Adaanaa Irranaa, 
  2. Addisuu Abbaa Shaaroo,
  3. Addisuu Tarreessaa Kanneen jedhamanii fi 

kan biroo hedduu ta’uun eeramee jira.

Akka maddeen himanitti, murni Bilxiginnaa dirqamaan uummata nagaa uukkaamsee gara leenjii waraanaatti akka guuruuf ajajaa milishoota gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa Sintaayyoo Namarraa jedhamu bobbaasee jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Ilmaan Oromoo dirqamaan gara leenjii waraanaatti geessuun jabaatee itti fufuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Haroo Koobbaree irraa Bitootessa 18, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1.  Isiyaaq Kumsaa,
  2.  Taarikuu Caalaa,
  3.  Duukam Gammachuu,
  4.  Damaraa Ofga’aa,
  5.  Hambaayee Ayyaanaa,
  6.  Kamaal Kidaanee,
  7.  Yaahiqoob Tasfaayee,
  8.  Sharafaddiin Habashuulii fi 

kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baanes hedduu ta’uun ibsameera.

Exit mobile version