ONM-ABO Bitootessa 24, 2025
Dilbata haleellaa meeshaa waraanaa humni deeggarsa ariifataa qaama magaalaa guddoo Sudaan Omdurman irratti raawwateen daa’imman lama dabalatee namoonni nagaa sadii du’uu maddi yaalaa AFP’tti himeera.
Namoonni ijaan argan naannoo sanatti dhukaasni marsaa torba naannoo mana jireenyaa raayyaa ittisa biyyaatiin to’atame raasuu gabaasan. Haala amma jiruun guyyoota dhiyoo asitti kutaa mootummaa giddugaleessa Kaartuum harka caalu RSF irraa waraanni Sudaan deebisee argateera.
Ebla bara 2023 irraa eegalee RSF waraana idilee Sudaan waliin wal lolaa turaniin namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman du’anii, miliyoona 12 ol buqqa’uun rakkoo beelaa fi buqqa’iinsa addunyaa isaa guddaa uumee jira.
Raayyaan waraanaa fi gareewwan michuu isaanii Jimaata darbe masaraa pirezidaantii biyyattii deebi’anii qabachuun, RSF naannoo bulchiinsaa fi faayinaansii giddugaleessa Kaartuum keessaa dhiibuuf hojii qulqulleessuu jalqabaniiru jechuun AFP’n gabaaseera.

