ONM-ABO Bitootessa 27, 2025
Bitootessa 25, 2025 jaleewwan Bilxiginnaa aanaa Dirree Hincinnii ganda Arfijjoo Dagaa keessaa nama maqaan isaa Biraanuu Galaanaa jedhamu maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jedhu itti maxxansuun hidhaatti darbatanii dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun torban darbe keessa jiraataadhuma ganda Arfijjoo Dagaa kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Jifaaraa Akkumaa jedhamu maatii isaa guutummaa baay’inaan 10 ta’an waliin badii tokko malee qabanii hidhuun qe’ee fi qabeenya isaa duwwaatti hambisanii kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun ONM’tti himaniiru.
Guyyaa irraa gara guyyaatti dararaa hidhattoonni sirnichaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiraniin yeroo ammaa hawaasni gandichaa rakkoo hamaa keessa akka jiranis Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Daba gurraan dhaga’uun illee namatti hin tolle gara jabummaadhaan uummata nagaa irratti geggeessee akka gootummaatti kan lakkaawwatu faashistichi abbaa irree Koloneel Abiy Ahimed, lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu dadhabuu irraan kan ka’e golee Oromiyaa mara keessaa sabboontota ilmaan Oromoo hidhaatti guursisuu cimsee itti fufee jira.

