ONM-ABO Bitootessa 27, 2025
Koosoovoon waggoota afran dhufan keessatti baasii ittisaa ishee %60 guddisuu, f helikooptaroota Black Hawk argachuu fi warshaalee rasaasaa fi diroonii oomishuuf xiyyeeffachuuf karoorfachuu ishee Ministirri Muummee Albin Kurti Roobii kaleessaa ibsaniiru.
Kurti balaa ollaa ishee Sarbiyaa irraa dhufu kamiyyuu qolachuuf baasii ittisaa dabaluu irra deddeebiin falmaa ture. Serbiyaan ammallee Koosoovoo akka qaama naannoo isheetti ilaalti.
“Aangoo itti aanu keessatti waraana keenyaaf Yuuroo biiliyoona tokko (Doolaara biiliyoona 1.08) ramadna,” jechuun Kurti walgahii kaabinee irratti yoo dubbatan, waggoota afran darban keessatti garyu Yuuroo miiliyoona 626 ture.
Paartiin Kurti filannoo paarlaamaa irratti sagalee %41n sadarkaa tokkoffaa ba’us, ammallee michoota gamtaa barbaadaa jira.
Erga bara 2021 aangootti dhufee, Kurti baajata ittisaa haalaan dabaleera. Koosoovoon bara 2023tti diroonii Bayiraaktar Turkii keessatti hojjetame tokko kan bitte yoo ta’u, bara darbe ammoo misaa’eloota Javeliin Anti-Tank kan doolaara miiliyoona 75 baasu bitte.
NATOn ammallee humna nagaa eegdota 4,000 ol Koosoovoo keessaa kan qabu yoo ta’u, irra caalaa kaaba Koosoovoo keessatti bobba’ee jira.
Kunis erga biyyattiin bara 2008tti Sarbiyaa irraa walabummaa labsitee waggoota lamaan darban keessatti waldhabdeen sabaa hamaa ta’e mul’ateera.
Torban darbe miseensonni Koosoovoo fi NATO Albaaniyaa fi Kirooshiyaan damee ittisaa irratti tumsa guddisuuf waliigaltee mallatteessuun Beelgireediin kan aarsan yoo ta’u, Pirezidaantiin Sarbiyaa Aleksaandar Vuusik Albaaniyaa fi Kirooshiyaan meeshaa waraanaa argachuuf dorgomaa jiru jechuun himachuu Rooyiters gabaaseera.

