Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jibaat keessatti waraanni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa raawwachuu cimsanii itti fufan 

ONM-ABO Bitootessa 31, 2025 

Aanaa Jibaat ganda Abbayyii Manzee jedhamu keessaa Bitootessa 26, 2025 nama maqaan isaa Warquu Bifeessaa Nagaraa jedhamu loltoonni faashistii PP badii tokko malee sobaan yakkanii erga qabanii booda rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Warquun nama nagaa siyaasa tokkollee hin hordofne ta’uu kan himan maddeen, tiksitoonni impaayerrattii garuu maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun ukkaamsanii mooraa waraana Bilxiginnaa Gorra’aa jedhamu geessanii dararaa erga turanii booda ajjeesuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version