ONM-ABO Bitootessa 31, 2025
Bitootessa 23, 2025 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Shaaklaatti milishoonni sirnichaa maqaa sakkattaa jedhuun gandichatti bobba’an ganama sa’a 1:00’tti qe’ee jiraattotaatti marsuun dhukaasa uummata nagaa irratti bananiin dargaggoo reefuu bultii ijaarrate kan maqaan isaa Yasuufee jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesan.
Ajjeechaan boodas haadha manaa isaa maqaan ishee Raabiyaa jedhamtus reebichaan qaama miidhanii yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu fi guyyaadhuma kana dukkaana isaa guutummaa fi mana keessaa immoo Televijiinii itti dabaluun saamanii paatirooliitti fe’atanii magaalaa Kamiseetti galfataniiru.
Akka jiraattotni ganda Shaaklaa ONM dubbise himanitti dargaggoon kun yakka dalage qabaateef osoo hin taane, hidhattootni sirnichaa akkuma amala isaanii gaafa haleelaman namoota nagaa adamsanii bifa haaloo ba’annaatiin gocha badii waan raawwataniif, tibbanas sababa Poolisiin sirnichaa tokko gandichatti ajjeefameef milishoonni sirnichaa gandichatti namoota nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qe’ee irraa biqqisaa kan jiran ta’uun ibsameera.
