ONM-ABO Ebla 5, 2025
Aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 03 bakka addaa Waachaa jedhamee waamamu keessatti Ebla 3, 2025 humnoonni poolisii Federaalaa dargaggeessa Oromoo ganna 25 tokko nama maqaan isaa; Guddataa Waaqgaarii jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.
Akka maddeen himanitti dargaggoon kun nama siyaasa dhaaba kamiyyuu hin hordofne yoo ta’u, yakka tokko malee Oromummaa isaa qofaan akka ukkaamfame himuun, kana durallee sababa tokko malee Waajjira poolisii ganda 07 keessatti baatii 6 hidhamee hiraarfamaa turuun torban lama dura gadi lakkifame ta’uu maddeen himuun, ammas haala nama gaddisiisuun poolisii Federaalaatiin ukkaamfamee jiraachuu ibsan.
Yeroo ammaa kanas maatiin isaa haalli nageenya ilma isaanii baay’ee akka isaan yaaddessaa jirullee itti dabaluun ONM’tti himaniiru.
Sabboontota ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsanii ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dararuu hojii idilee isaanii taasifatanii kan jiran ergamtoonni PP golee Oromiyaa mara keessatti sababoota sobaa garaa garaa itti maxxansuun hawaasa nagaa badii tokko malee hidhaatti guuraa jiraachuun kan beekamudha.

