ONM-ABO Ebla 7, 2025
Baha Wallagga aanaalee shan: Giddaa Ayyaanaa, Limmuu, Haroo Limmuu, Kiiramuu fi Eebantuu jedhaman irraa tajaajilli ibsaa Ebila 3, 2025 adda cituu isaa hawaasni aanaalee kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ibsaan jiruu fi jireenya isaanii waliin waan walqabatuuf ibsaan bannaan garmalee kan rakkatan ta’uu kan ibsan jiraattonni aanaalee kanneenii, nyaata argachuuf rakkachaa jiraachuu ibsu. Kunis baabura midhaanii boba’aan hojjetu fayyadamuuf, gatiin boba’aa garmalee waan qaala’eef rakkoo ulfaataa keessummeessaa jiraachuu himan.
Ibsaan aanaalee shananiif ifu kun guyyaan inni deebi’u kan hin murtoofnee fi maqaa suphaa da’oo godhachuun hawaasni akka: manneen jireenyaa, manneen hojii mukaa fi sibiilaa, manneen barnootaa, mana yaalaa, manneen amantaa, dukkaanotaa fi dhaabbata dhuunfaa adda addaa rakkoo kanaaf saaxilamanii jiru.
Bu’aa inni ganna 7 keessatti buuse kan hin jirre “bu’uuraalee misoomaa hunda isiniif guunneerraan” galata sobaa uummata irraa kan barbaadu murni nama nyaataan Bilxiginnaa waan hawaasni fayyadamuu qabu mara sababa adda addaa tarreessanii tajaajila dhorkachuun hawaasa rakkisaa jiru.
Bara 2024 darbe keessa hawaasa magaalaa Finfinneetti walitti qabee yeroo mariisisu Abiy Ahimed, ibsaa irraa hafaa oomishna yoo jedhu, pirezidaantiin impaayerattii ambaasaadar Taayyee Asqe Sillaaseen ammoo waltajjii Afrikaa tokko irratti uummatni Itiyoophiyaa walakkaan tajaajila ibsaa malee akka jiran ibsuun isaa ni yaadatama.

