ONM-ABO Ebla 9, 2025
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antoniyoo Guterees Kibxata kkaleessa akka jedhanitti Gaazaan “dirree ajjeechaa” taatetti jechuun Israa’eliin gargaarsa ugguruu isheef komachuu fi fedhii jiraattota naannoo Falasxiin guutuuf “dirqama fudhachuu dhabuu ishee balaaleffataniiru.
“Ji’a guutuu ol gargaarsi Gaazaa hin seenne. Nyaata hin qaban. Boba’aa hin qaban. Qoricha hin qaban. Meeshaaleen daldalaa hin jiru.
Konveenshiniiwwan Jeeneevaa kaasuun Israa’el hojii irra oolchaa akka hin jirre ibsaniiru.
Gargaarsa gara Gaazaa to’achuu ilaalchisee yaada Israa’eliin dhiheenya kana dhihaate eeruu, maddi UN tokko akka AFPtti kan hime yoo ta’u, gargaarsa kana Hamas akka hin fayyadamnee fi hamma dhiyaatu hordofuu akka dabalatu ibseera.
“Mee ifa haa ta’u – qophii seera bu’uuraa namoomaa guutummaatti hin kabajne kamiyyuu irratti hin hirmaannu – namummaa, loogii malee, walabummaa fi giddu galeessa ta’uu” qabna jechuun, gargaarsi gara naannoo qarqara galaanaa gufuu malee akka seenu wabii gaafataniiru jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

