Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Habrootti saamichi ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Ebla 13, 2025 

Aanaa Habroo Araddaa Ifaa Jiruutti jaleewwan Bilxiginnaa kana dura maqaa adda addaa da’oo godhachuun saamicha geggeessaa turan ammas cimsanii itti fufuun Ebla 10, 2025 irraa eegaluun maqaa “waajjira gandaa ittiin ijaarra” jedhuun jiraattota irraa qarshii 500 dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Araddaa kana malees, araddoota aanichaa cufa keessatti saamichi gosti wal fakkaataan jiraattota irratti geggeeffamaa kan jiruu fi namoota qarshii jedhame kaffaluuf humna hin qabne hidhaa fi reebicha hamaan booda qarshii barbaadan humnaan irraa funaannachaa kan jiran ta’uun itti dabaluun ibsamee jira.

Ergamtoonni faashistii PP dinagdeen isaanii laafuu hubachuun karaa ittiin madda galii argatan bocuun hawaasa beelaaf saaxilamee ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkatu gidirsuun saamicha ulfaataa yeroo yeroon irratti raawwachuu hammeessanii jiru

Exit mobile version