Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuutti ergamtoonni Bilxiginnaa dararaa hamaa raawwachaa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Ebla 13, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Waankiitti goolessitoonni waraana faashistii PP Ebla 10, 2025 uummata nagaa badii tokko malee ilmaan keessantu Qeerroo Bilisummaa Oromooti maqaa jedhuun qe’ee isaanii irraa ukkaamsuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu ONM odeeffate.

Keessattuu hidhaan tibbana bifa haarawaan onichatti jabaatee jiraachuunis kan himamu oggaa ta’u, ilmaan keessan bosona jiran kanneen miseensota WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo ta’an hanga galchitanitti hidhaan isin irraa hin dhaabbatu maqaa jedhuun hidhuu jabeessanii itti fufanii kan jiran ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed bulchiinsa magaalaa Waankii qofa irraas namoota maqaan isaanii:

  1. Daamaraa Baay’isaa,
  2. Tuujubaa Tarreessaa, 
  3. Yoosef Waaqjiraa,
  4. Malaakuu Garbaabaa,
  5. Shamarree Laalistuu Yoosef fi kanneen biroo hedduu akka hidhan addeeffameera.

Kana malees guyyaadhuma kana nama maqaan isaa Obbo Mikaa’eel Mokonnon jedhamu jalaa loltoonni gara jabeeyyiin faashistii PP mana jireenyaa isaa uummata gandichaa dirqiin itti yaasuun diiganii meeshaalee manicha keessaa guutummaa dabalatee qabeenya inni qabu saamanii deemuun ibsameera.

Exit mobile version