Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti murni Bilxiginnaa uummata nagaa irratti hidhaa hammeesuun dhaga’ame

ONM-ABO Ebla 15, 2025 

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa jedhamu keessatti ergamtoonni Impaayerattii ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa jiraniin namoota maqaan isaanii: 

  1. Zalaalem Abdiisaa fi 
  2. Adaanee jedhaman 

badii tokko malee mana maatii isaaniitii qabuun hidhanii gidirsaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni jedhanitti namoonni kunneen badii homaayyuu kan hin qabnee fi tuttuqaa siyaasaa dhaaba kamii irraa walaba ta’uu himuun, jaleewwan dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf sabboontota ilmaan Oromoo yakkanii hidhaa, ajjeesaa fi mana irratti gubuun buqqisaa oolan kunneen immoo maqaa fi sababoota adda addaa uummaticha hin ibsine itti maxxansuun hidhanii hiraarsaa kan jiran ta’uu dubbatu.

Walumaa galatti miidhaan qaama hidhatee ani mootummaadha ofiin jedhuun uummata nagaa irratti taasifamaa jiru daran yaaddessaa ta’uu kan himan jiraattonni, akkuma guutummaa aanichaatti sarbamiinsi mirga namoomaa akkasumas dararaa fi saamichi qabeenyaa jiraattota irratti hammaatee jiru haalaan ulfaataa ta’uunis ifoomeera.

Exit mobile version