ONM-ABO Ebla 16, 2025
Aanaa Jimmaa Gannatii ganda Hagayyaa jedhamu keessaa Ebla 14, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Iddoosaa Nagaasaa,
- Alamuu Mootummaa,
- Tasfaa Gammadaa,
- Ittafaa Qannoo fi
kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni sirnichaa qawwee itti dhukaasuun erga ukkaamsanii booda reebicha hamaa irraan gahuun humnaan gara leenjii milishummaatti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni leenjii waraanaaf ukkaamfaman kunneen qonnaan bultoota ta’uu himuun, isaanis erga ukkaamfamanii booda qabeenyaan isaan qaban tokko osoo hin hafin lukkeelee sirnichaan jalaa saamamee jiraachuun ibsamee jira.
Yeroo ammaa kanas, aanicha keessatti dararaa ulfaataa ergamtoonni sirnichaa raawwachaa jiraniif jecha ilmaan Oromoo nagaan ba’anii galuuf yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

