ONM-ABO Ebla 23, 2025
Bulchiinsa magaalaa Mattuu jalatti kan argamu ganda Madee jedhamu keessatti waqtii qonnaan bulaan oomisha qonna Arfaasaa abdiin eeggachaa ture miira gammachuun guuteen eegalee jirutti, jaleewwan Bilxiginnaa ammoo “ooyiruu keessan irra biqiltuu baala Shaayee malee waan kan biraa oomishuu hin dandeessan” jechuun jiraattota hedduu dinagdeen isaanii akka kufu taasisaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Oomisha biqiltuu baala Shaayee kanaaf bara darbe baajanni qarshii miliyoonni 25 itti ba’ee dhaabbate keessaa hundeen tokkollee osoo hin latin hundi isaa sababa gogee badeef jecha, “isintu dhaabbii balleessinaan goge waan ta’eef barana ammoo lafa keessan irra nuuf dhaabdu” jechuun qonnaan bultoota oomisha qonna Arfaasaa irraa ugguranii itti dhaadachaa jiraachuun ibsameera.
Qonnaan bultoota oomisha baala Shaayee kana morman keessaa namoota 50 magaalaa Mattuu gamoo Iluu Istaar (Ilu star) jedhamutti yeroo darbe waltajjii waamanii namoota waltajjii kana irratti yaada mormii kaasuuf yaalanis sodaachisanii afaan qabachiisuun galchanii kan jiran ta’uun ifoomeera.
Dabalataanis, gandicha keessatti lukkeeleen sirnichaa dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan kunneen baajata waajjira gandaa ijaaruuf ramadame hunda nyaatanii fixuun dafqaan bultoota waldaan gurma’anii albuuda baasan irraa dirqamaan dhagaa ijaarsaaf oolu konkolaataa fe’umsaa 5 fi meeshaalee garaa garaa fageenya irraa uummata garee gareedhaan dirqamaan guursisaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.
