Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaalee cufa irraa loltoonni maafiyaan PP bifa haarawwaan jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Ebla 23, 2025 

Aanaalee godina Harargee Lixaa jalatti argaman hunda keessatti milishoonni sirnichaa torban darbe irraa eegaluun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti guyyuu gara qe’ee uummata Oromootti bobba’uun namuma itti dhaqanii argatan hunda ukkaamsanii konkolaataa yaabsisuun gara magaalota aanaalee kanneeniitti leenjii waraanaaf fe’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Duulli ukkaamsuun leenjii waraanaatti erguu kun aanaalee godina Harargee Bahaa adda addaa keessattis bifuma wal fakkaatuun jabaatee adeemsifamaa kan jiru ta’uun ifoomeera.

Yeroo ammaa kanas, hawaasni maatii fi kichuuwwan ilmaan isaa humnaan gara adda waraanaatti oofamaa jiran kanneen osoo isaan lubbuun jiranii akka waan du’aniitti gadda taa’uun biddeena gaddaa nyaachaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Koloneel Abiy Ahimed wayita gara bulchiinsaatti dhufee kaasee gadaa aangoo isaa dheereffachuuf jecha ilmaan hiyyeessaa faayidaa xiqqoo dura qabee gowwomsuun, akkasumas fedhii isaanii malee humnaan ukkaamsisee gara adda waraanaatti ergee kuma dhibbootaan ficcisiisaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version