Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhiitti jaleewwan PP hawaasa humnaan qabuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Ebla 23, 2025 

Magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhiitti ergamtoonni PP Ebla 16, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Iddoosaa Waaqjiraa,
  2. Margaa Tamasgeen,
  3. Gammachuu Callaa,
  4. Abbabaa Horaa,
  5. Jaabir Jamaal,
  6. Kamaal Muusaa fi 

kanneen biroo hedduu bakka hojii isaaniitii qabanii gara leenjii waraanaatti geessuu maddeen ONM’tti himan.

Magaalichatti jaleewwan PP nama leenjii waraanaa deemu tokko yoo geessan hanga qarshii 10,000’tti argataa waan jiraniif, hojii dhuunfaa irraa humnaan namoota qabaa jiraachuun ibsameera.

Kana malees kutaalee Shaggar Siitii adda addaa keessaa bifuma walfakkaatuun dargaggoota ukkaamsuun haalaan cimee itti fufee kan jiru oggaa ta’u, haalli sochii magaalaa keessaa daran sodaachisuu irraa kan ka’es dargaggoonni mana keessa oolaa jiraachuu ONM odeeffateera.

Exit mobile version