Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti saamichi jaleewwan Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Ebla 25, 2025 

Waraanni garboomfataan PP bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 04 keessa dhaabbachuun jiraattota baadiyyaa irraa gara magaalaa deeman irratti Ebla 18, 2025 saamicha ulfaataa maqaa kaffaltii waliin isaa hin beekamnee fi naga’ee seeraa tokko hin qabneen geggeessaa turuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Daandii gubbaa dhaabbachuun waan hawaasni gabaa geeffatu sakatta’anii:

qabeenya biroo adda addaas haaluma walfakkaatuun qaraxa itti kutaa akka turan ibsameera.

Kana malees, namoota mana kiraa keessa galanii TV qabanii fi warra mana dhuunfaa isaanii galan irraa qarshii dhibba dhibba fuudhuun, meeshaalee mana keessaa tokko tokkoon isaa irratti qarshii kaffalchiisuun saamicha seermaleessa kan geggeessaa jiran ta’uun adda ba’ee jira.

Loltoonni sirnicha utubuuf halkanii fi guyyaa dhama’an humni dinagdee impaayerattii gama hundaan kufnaan salphina hamaa keessa galuun, akka waan impaayerattii kufaatii jalaa baraaraniitti sababoota garaa garaa wabeeffachuun qabeenya uummata Oromoo saamaa jiru.

Exit mobile version