Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Hindii Paakistaan waliin dhukaasa haaraa wal jijjiiru ibse

ONM-ABO Ebla 26, 2025 

Loltoonni Hindii fi Paakistaan halkan edaa  guyyaa lammaffaaf dhukaasa kan wal jijjiiruu Sanbata har’aa, waldhibdeen kunis dhukaasa lubbuu namaa galaafate New Deliin ollaa ishee Paakistaaniin komattee hordofuuni.

Hariiroon waggoota keessatti sadarkaa gadi aanaatti gadi bu’eera, Indiyaan Paakistaan ​​“shororkeessummaa daangaa qaxxaamuraa” deeggarte jechuun himattee. Komeen kunis erga namoonni qawwee qaban namoota nagaa irratti haleellaa hamaa ta’e bakka waldhabdee biyyoota lamaanuu Kaashimar Hindii keessatti irratti raawwataniin booda

Islaamaabaad hirmaannaa kanaa akka hin qabne haaltee jirti.l

Waraanni Hindii akka jedhetti, dhukaasni meeshaa waraanaa xixiqqaa Jimaataa hanga Sanbataatti “sarara to’annoo Kaashimiir qaxxaamuree” kan raawwatame ta’uu ibseera.

“Loltoonni Hindii meeshaa waraanaa xixiqqaatiin deebii sirrii kennaniiru,” jechuun ibsa baaseen dubbateera.

“Nama miidhaan irra ga’e hin gabaasne.”

Paakistaan ​​irraa mirkaneessi hatattamaa hin turre, garuu gareen lamaan halkan duraa humnoota isaanii gidduutti dhukaasa qawwee mirkaneessanii turan.

UN biyyootni ollaa lamaan kanneen kanaan duras daangaa irratti wal lolaa turan gocha isaanii irraa akka dhaabbatan ykn of daangessan ibseera.

Biyyootni addunyaa biroon gareen meeshaa waraanaa Niwukilaraa hidhatanii jiru jedhaman kun gara lola guuruutti ce’uu danda’u jechuun yaaddoo isaanii ibsachaa jiraachuu AFP fi miidiyaaleen biroo gabaasaniiru.

Exit mobile version