Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo keessatti ajjeechaa, hidhaa fi dararaan loltoota Koloneel Abiy Ahimediin jiraattota irratti raawwatu hammaachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Caamsaa 6, 2025 

Aanaa Waamaa Hagaloo ganda Baataa Awwaangiroo jedhamu irraa Caamsaa 2, 2025 waaree dura toora sa’a 4:00’tti ergamtoonni murna PP nama maqaan isaa Araruu Kabbadaa jedhamu sababa tokko malee ukkaamsanii hidhaatti darbachuun guyyaadhuma kana halkan keessaa sa’a 4:00’tti mana hidhaatii baasuun aanichuma gara ganda Goossanii Baabboo geessuun riqicha gara magaalaa Qassoo geessu irratti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namni nagaan loltoota sirnichaan ajjeefamee gatame kun siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi sababa sobaa “situ WBO fidee nu rukuchiise” jedhuun haala nama gaddisiisuun gochi gara jabinaa kun irratti kan raawwatame ta’uu dubbatu.

Oduu hidhaan wal qabatuun ammoo, gandichuma keessaa guyyaadhuma kana Tasfaa Waggaarii nama jedhamu maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun gara magaalaa Moxee geessuun hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuun ibsameera.

Kana malees, guutummaa aanichaa keessatti yeroo ammaa kana maatiin qabsaa’otaa hundi lukkeelee sirnichaan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuun cinatti, lafa isaanii irras akka hin oomishanneef lafti qonnaa jalaa ugguramee jiruu gadadoo hamtuu harka namaa ilaaluuf saaxilamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version