Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Mattuutti kan argamu Hospitaalli Kaarlii Mattuu tajaajila fayyaa hawaasa dhorkachuun balaa du’aa fi saaxilaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Caamsaa 8, 2025 

Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessatti kan argamu hospitaalli Kaalii Mattuu Ebla 30, 2025 irraa eegalee hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti aanota godinichaa 12’f tajaajila fayyaa kennuu qabu addaan kutuun sababoota farra hojii tajaajila hawaasaa ta’an adda addaa dhiheessuun uummatni rakkoolee fayyaa garaa garaaf saaxilamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Ogeessotni fayyaa hospitaalicha keessatti argaman qoricha tajaajila hawaasaaf kuusamee jiru dhukkubsattoota yaalaaf dhaqaniin qoricha hin qabnu fixneerraa deemaa kilinika irraa bitadhaa jechuun kanneen ragaa inshuraansii fayyaa of harkaa qabanii fi hin qabnes dhorkatanii bifa dhoksaan immoo qoricha kuusaa keessaa baasanii kilinikootaa fi faarmaasii dhuunfaatti dabarsanii gurgurachaa jiraachuus jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.

Kana malees dhukkubsattoota yaalamuuf dhaqanii tajaajila argachuu qaban dhabuun kanneen hospitaalicha keessatti lubbuun isaanii darbe maqaa reeffi karaa biraan baha malee balbala seeneen hin bahu jedhuun reeffa achi keessa tursiisanii sababa tokko malee nama du’aa irratti qarshii 5000 fi isaa ol fudhachaa jiraachuunis ibsameera.

Exit mobile version