Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti saamichi loltoota faashistii PP’n jabaachuun dhaga’ame

ONM-ABO Caamsaa 9, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Maqdalaa keessatti caamsaa 6, 2025 saamtonni qe’ee hawaasa Oromoo mancaasuuf faashisticha Abiy Ahimediin hidhachiifamanii bobba’an nama maqaan isaa Nugusuu Fayisaa jedhamu jalaa dukkaana isaa cabsanii saamuun wantoota nyaatamaniif dhugaman hanga danda’an nyaatanii erga dhuganii booda gariinis kan duraa qisaasessan yoo ta’u, maallaqa callaa ammoo qarshii 150,000 saamuu ONM odeeffateera.

Kana malees saamichi mana dhugaatii kun ganda Waldaa Maqdalaa fi Baqalee Girrisaa dabalatee gandoota aanichaa cufa keessatti manneen dhugaatii alkoolii kan akka araqee, farsoo fi biiraa wantoota baadiyyaa irratti daldalaman saamtonni waraana Bilxiginnaa kunneen callisanii mana seenuun hanga garaan isaanii danda’e dhuganii kaffaltii dhorkachuun, WBO’n isiniif haa kaffalu jechuun itti qoosanii hawaasicha dararaa jiraachuunis addeeffameera.

Ergamtoonni murna Bilxiginnaa ergama Abiy Ahimed irraa fudhatanii bobba’an galmaan ga’uu fi barcuma aangoo irratti murna tokko qofa tiksuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufa keessatti hawaasa bal’aa gaanfa Afriikaa kan ta’e saba Oromoo irratti dararaa ulfaataa fi sarbamiinsa mirga namoomaa hamaa geggeessaa jiru.

Exit mobile version