ONM-ABO Caamsaa 9, 2025
Leellistoonni sirna moofaa durii warreen afaan tokko, aadaa tokkoo fi amantaa tokko qofa ijaaruu barbaadan hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon uummata Oromoo daangaa irratti argaman cufa irratti yeroo irraa gara yerootti ajjeechaa, buqqaatii, gubaatii fi mancaatii qabeenyaa guddaa geessisaa kan jiran yoo ta’u, gochaa badii isaanii kana godina Walloottis itti fufaniiru.
Caamsaa 7, 2025 jiraataa aanaa Harxummaa Fursee Coqorsoo ganda Coqorsoo kan ta’e nama maqaan isaa Mahaammad Ahimed Daa’idee jedhamu riphanii daandii cinatti isa eeguun qabanii haala suukkanneessaa dubbachuuf namatti hin tolleen qottoon qaama isaa guutuummaa mummuruun ajjeesanii gatuu jiraattotni ganda Coqorsoo ONM’tti himan.
Humnoonni badii Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kun aanichumatti karaa Coqorsootiin Caamsaa 6, 2025 dhukaasa namoota nagaa loon tikfatan irratti banuun jiraattota ganda Goolaa kan ta’an:
- Ahimed Hasan Alii fi
- Aliyyii Girrigirrii namoota jedhaman madeessuun,
loon isaan bobbaasan keessaas loon 2 battalumatti yoo ajjeesan kan baay’inaan 6 ta’an ammoo madeessaniiru.
Akka jiraattotani ganda Coqorsoo jedhanitti, qaamni dhimmi ilaallatu hanga yeroo ammaa kanatti miidhaa nurra ga’eef birmannaan inni nuuf taasise hin jiru, inumaa bireenii kan nuti dura karaa Coqorsoo, Doobbii fi Ashawaa Luxeetiin Finxaaleeyyii ittiin ofirraa lollu maqaa WBO ittiin lollaan nurraa fuudhaniiru, nuti ammoo uummanni aanaa Harxummaa Fursee keessattuu daangaa irra jirra waan ta’eef Finxaaleeyyii kanaan guyyaa irraa gara guyyaatti osoo wal hin lolin oollee hin bullu, murni Bilxiginnaa kun meeshaa keenya nurraa hiikuu qofaa miti akka hawaasaa fi hawaasni walitti hin birmannes nu taasiseera jechuun miira gaddaan dubbatan.

