Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu hammeessan 

ONM-ABO Caamsaa 12, 2025 

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa jedhamu irraa Caamsaa 9, 2025 loltoonni faashistii PP jiraattota maqaan isaanii:

  1. Wandimmuu Tamasgeen fi
  2. Tolaa Tamasgeen 

jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu kan himan maddeen, ergamtoonni Abiy Ahimed ammoo maqaa “gibira kaffaluu diddan” jedhuun kan hidhan ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Jaleewwan Bilxiginnaa dachee kana irra jiraachuu ilmaan Oromoo sodaa taayitaa isaanii godhanii ilaaluun, maqaa isaan hin qabne itti maxxansanii yakkoota garaa garaa irratti raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Exit mobile version