Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti lukkeeleen Bilxiginnaa dhiibbaa geessisaa jiran hammeessanii jiraachuun ibsame

ONM-ABO Caamsaa 12, 2025 

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa jedhamu irraa torban darbe keessa miseensota maatii tokkoo kan ta’an namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Biraanuu Fayisaa, 
  2. Aadde Alamiituu Dabaloo fi mucaa isaanii 
  3. shamarree Tsi’oon Biraanuu dabalatee 

maqaa ilma keessantu bosona jira jedhuun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa ukkaamsuun mooraa waraanaa gandichatti argamu keessatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees ganda As Booroo keessatti Caamsaa 6, 2025 namoota nagaa kanneen maqaan isaanii:

  1. Obbo Kibiruu Dinagdee, 
  2. Obbo Waaqwayyaa Tarfaasaa,
  3. Aaddee Baqqalee Bantii hadha warraa Obbo Waaqwayyaa Tarfaasaa fi 
  4. Shamarree Mitikkee kanneen jedhaman sababa Oromummaa isaanii qofaaf jecha yakkanii reebicha ulfaataa irratti raawwatanii jiru.

Dabalataanis ganda Gaarii bakka addaa Makkoo jedhamu irraa Caamsaa 9, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Yaadataa Dheeressaa,
  2. Alamtsaay Yaadataa,
  3. Obbo Tarreessaa Dheeressaa,
  4. Addisee Tarreessaa fi 

kanneen biroo maqaan isaanii hin eeramne halkan keessaa toora sa’atii 5:00’tti gara mana jireenyaa isaanii dhaqanii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version