• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti loltoonni Bilxiginnaa manneen qonnaan bultootaa irratti gubaatii raawwatan

May 12, 2025

ONM-ABO Caamsaa 12, 2025 

Aanaa Amuruu ganda Nafuroo jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa impaayera kufuu geesse utubuuf ifaajan Caamsaa 6, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Dassaalee Warquu fi 
  2. Obbo Tolasaa Soorii 

jedhaman jalaa manaa fi meeshaalee mana keessaa hunda gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Qonnaan bultoonni kunneen badii tokko kan hin qabnee fi sababa ilmaan isaanii bosona jiraniif qofa manaa fi meeshaalee mana keessaa hundi kan jalaa gubate ta’uus jiraattotni dubbatu.

Kana malees akkuma aanichaatti dararaan lukkeelee Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun ibsamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading