Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ministirri Dhimma Alaa US Ameerikaa Rubiyoon walgahii NATO dhimma Yukireen fi Raashiyaa ilaallatu irratti hirmaachuuf akka ta’e ibsame

ONM-ABO Caamsaa 12, 2025 

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Markoo Rubiyoon walgahii Ministiroota Dhimma Alaa NATO kan seerawaa hin taane irratti Caamsaa 14-16tti Turkiitti taa’amuun waraana Raashiyaa fi Yukireen xumuruuf adeemsifamu irratti ni mari’atu.

“Yaa’ii NATO Heegitti baatii Waxaabajjii geggeeffamu irratti barreessaan kun ajandaa Pirezidaant Tiraamp michoonni keenya NATO cimaa fi bu’a qabeessa taasisuuf qooda isaanii madaalawaa ta’e akka gumaachan mirkaneessuu ni tarkaanfachiisa,” jechuun Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen dubbateera.

Gama biraatiin Prezidaantiin Yukireen Voldaamer Zelenskiin Kamisa dhufu hogganaa Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin Turkiitti wal arguuf akka mari’atan dubbataniiru. Kunis erga prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp yaada Puutiin kallattiin mari’achuuf dhiyeesse akka fudhatu battalumatti itti himanii booda.

Puutiin qaamaan akka hirmaatu yaada dhiheessuun ifa ta’uu baatus, “Kamiisa Türkii keessatti Puutiin nin eega. Yeroo kana Raashiyaan sababa akka hin barbaanne abdiin qaba,” jechuun Zelenskiin fuula X irratti barreessuu Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version