ONM-ABO Caamsaa 14, 2025
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Diimtuu bakka Giraar jedhamutti Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon Caamsaa 11, 2025 ganama nama sammuun dhukkubsatee bakkee keessa ciisu, Oromummaa isaa qofaan yakkuun ajjeesanii reeffa isaa bakkeetti gatuun Caamsaa 12, 2025 barii bineensi nyaachuun beekameera.
Oduu biraatiin ammoo godinichuma aanaa Daawaa Caffaa fi magaalaa Kamisee keessaa Poolisoonni Abiy Ahimed milishootaa fi raayyaa ittisa impaayeerattii waliin ta’uun seensa baatii Caamsaa kana irraa eegaluun sababa tokko malee jiraattota irraa meeshaalee waraanaa irraa hiikaa jiru.
Gochaa isaanii kana yeroo ammaa cimsanii itti fufuun, Caamsaa 11 fi 12, 2025 walitti fufiinsaan jiraattota irraa meeshaa hiikkachaa kan jiran yoo ta’u, bakkoonni kunneenis magaalaa Kamisee, aanaa Daawaa Caffaa kanneen akka Garbii, Masanaa fi Qaacur jedhaman irraa piistoon waraqaa seerawaa qabu osoo hin hafne hiikaa jiraachuu jiraattotni gamasii ONM’tti himaniiru.

