ONM-ABO Caamsaa 17, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baabboo Ku’ee jedhamu irraa Caamsaa 12, 2025 shamarran maqaan isaanii:
- Taabotee Abdiisaa,
- Ayyaantuu Batunaa fi
- Warqee Tashoomaa
jedhaman ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, ijoolleen shamarranii hidhaman kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa garuu maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa kennitu” jedhuun kan hidhan ta’uu eeranii jiru.
Bara bulchiinsa Bilxiginnaa kana keessa Oromoo ta’uu qofti yakka ta’uun ergamtoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hunda saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin akka bineensa bosonaatti adamsanii hidhaa, ajjeesaa akkasumas, saamaa kan jiran ta’uun ni beekama.

