ONM-ABO Caamsaa 17, 2025
Murni naasuu tokkollee dhala namaaf hin qabne Bilxiginnaan hidhattoota isaa hawaasaatti bobbaasuun gochoota gara jabinaa hammeenyaan guutaman garaa garaa irratti raawwachiisaa jira.
Jiraataa Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee ganda Filfilii Galaan kan ta’e, dargaggoo maqaan isaa Dabalaa Qana’aa jedhamu osoo inni Doqdoqqeedhaan namoota fe’ee gara magaalaa Guutee Mikaa’ilii jedhamu deemaa jiruu milishoonni Bilxiginnaa buufata sakatta’iinsaa seensa magaalichaa irratti Funyoo bakkicha jiru ol itti kaasanii morma isaatti maranii kuffisuun miidhaa qaamaa ulfaataaf saaxilanii wayita ammaa kana du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dargaggoon kun hojii idilee isaa Doqdoqqee oofee of jireessuu malee siyaasa tokkollee kan hin hordofne yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa kunneen ammoo saamicha amaleeffataniif jecha gocha suukkanneessaa kana irratti raawwachuun ibsameera.

