ONM-ABO Caamsaa 19, 2025
Aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifa Baas Cooreetti kan argamu manni barnootaa Ifa Baas Cooree barattoota jalaa erga cufamee ji’oota 3 guutuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Manni barnootichaa bara 2014 kan hundeeffame yoo ta’u, ganna 11’ffaa tajaajilaa kan turee fi kanaan dura yeroo tokkoof illee cufamee kan hin beekne ta’uu kan himan jiraattonni gandichaa, amma immoo sababa waliin isaa hin beekamneen cufamuun barattoonni barumsa malee ji’a 3’ffaa taa’aa kan jiran ta’uu himan.
Barattoonni irra deddeebiin mana barnootaa kan deeman ta’us, lukkeeleen Bilxiginnaa sababa sobaa fi amansiisaa hin taaneen maqaa “rakkoo nageenyaa” jedhu sababeeffachuun hojii baruu fi barsiisuus addaan akka kuchisiisan dubbatu.

