Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yamaaloogii Walalitti waraanni faashistiin PP ajjeechaa fi dararaa uummata nagaa irratti hammeessuun ifoome

ONM-ABO Caamsaa 20, 2025

Waraanni impaayerattii godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Burqaa Loomicaa bakka addaa Albaadhessa jedhamu keessatti Caamsaa 18, 2025 halkan keessaa toora sa’atii 4:00’tti nama maqaan isaa Obbo Girmaa Hirkisaa jedhamu balleessaa tokko malee mana jireenyaa isaatii qabuun gocha isa hin ibsineen dararaa ulfaataa erga irratti raawwataniin booda, oobdii isaa keessatti rasaasaan waadanii ajjeesuun gatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Akka maddeen ibsanitti Obbo Girmaan abbaa daa’imman 5 kaka ta’ee fi hojii dhuunfaa isaa qofa hojjechuun maatii isaa jiraachifachuu malee hariiroo dhaaba siyaasaa kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun ergamtoonni garaa isaanii guuttatanii buluuf jecha dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu bartee taasifatan sababa torban darbe Waraanni Bilisummaa Oromoo naannichatti tarkaanfii fudhateef jecha haaloo ba’achuuf akka ajjeesanis dubbatu.

Gareen hidhattoota PP kan ofittummaan guutamanii fi ulaagaa waraanummaa cabsuun beekaman ergama WBO sakatta’uuf fudhatanii bobba’an of cinatti dhiisuun, balleessaa isaa malee uummata nagaa dararanii qaama isaanii olii gammachiisuuf jecha uummatichaaf yaaduun hafee inumaayyuu hawaasichatti yaaddoo ta’uun nama nagaa ajjeesanii faayidaa dhuunfaa isaaniif taasifachuu irraan kan ka’e uummatichi manuma isaa keessa jiraachuufuu yaaddoo ulfaataa keessa jiraachuutu mul’ata.

Exit mobile version