ONM-ABO Caamsaa 22, 2025
Jaleewwan garaa isaanii guuttatanii buluu qofaaf jecha nageenya hawaasaa booressaa oolan loltoonni Koloneel Abiy Ahimed, dirqama qaama olii irraa maqaa sakattaa WBO jedhuun fudhatanii bobbaa’anis sodaa waraana Bilisummaa Oromoof qaban irraa kan ka’e bakkoota uummanni nagaan qofti jiraatan keessa socho’uudhaan hawaasa meesha maleeyyii rakkatanii jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan irratti saamicha, hidhaa, ajjeechaa fi dararaa garaa garaa raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan Caamsaa 19, 2025 waraanni sirnichaa godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Giiphoo keessaa jiraataa gandichaa kan ta’e, nama maqaan isaa Raggaasaa Ayyaanaa jedhamu badii tokko malee bakka hojii isaatii qabuun waajjira poolisii aanichaatti geessanii hidhuun dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun hirmaannaa siyaasaa garee kamiiyyuu qabaateef osoo hin taane sababa Oromoo ta’e qofaaf maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkamee hiraarfamaa kan jiru ta’uu dubbatu.

